Dhaamsa J. Galaasaa Dilboo
Kanneen hamma ammatti waan kana ilaalchisee RSAf (VOA) xalayaa komii barreessittan fi kanneen gara fuula-duraatti barreessuuf deemtanillee galateeffachaa, qabxiilee armaa gadii akka isin yaadachiifnu nu gaafatanii jiru.
-
Duula warrii Habashaa Sagantaa Qophii Afaan Oromoo kan VOA irratti geggeessan dura dhaabachuun dirqama Oromummaa ta’uu isaa akka yaadattan.
-
Dubbii kana ilaalchisee xalayaa RSAf (VOA) barreessittan hunda keessatti tajaajila inni saba keenyaaf kennaa jiruf galateeffachuu akka yaadattan.
Lammiiwwan,
Akkuma baayyeen keessan quba qabddan, dhaabin keenya – ABOn – baraa 2000 jalqabee jeeqama heeduu keessaa jira. Hundeen jeeqama kanaa, kaayyoo fi walabummaa dhaabichaa irratti addadduumaa dhaabicha keessatti dhalate ta’uu isaa yeroo hedduu irra deddeebinee ibsinee turre.
Hooganoota dhaabichaa keessaa, hammi tokko jijjiirama addunyaa keessatti taa’aa jiru, “globilization” fi kkf sababfachuun “kaayyoon dhaabicha yeroo ammaatti kan dulloomee dha; kanaaf, Oromiyaa walaboomsuu isa jennu dhiifnee, Itoophiyaa dimookraatessuu jijjiiruu qabna” kan jedhan dhiibbatanii as bahan. Kana bakkaan gahachuuf, Bitootessa 1998 keessa, maanguddoo isaan fi mootummaa impaayericha gidduu deemaniif, yoo akka isaan itti biyyatti deebi’anii wayyaanee wajjin angoo qooddachuuf karaa tolchaniif, akka heera Itoophiya fudhatan fi qabsoo hidhannoo toobbatan mallateessaniif. Qabsoowon garuu, kana fidhachuu diduun, Caamsaa 1998 keessa kora sabaa waamanii hooggana haaraa filachuun akeekasaanii kana fashalsiisan.
Gartuun wayyanee wajjiin aangoo qooddachuu anannatu kun, ammas osoo abdii hin kutatin, namoota dhaabicha keessa jiran, kanneen yaada walfakkaata qaban, garuu dhokfachaa turanitti dhimma bahuun, “bar jijjiirame, addunyaan amma qabsoo hidhannoo dhagahuu hin fedhu; yeroon ammaa qabsoo dimookraasiif malee qabsoo bilisummaaf hin hayyamu, fi kkf” jechuu fi maallaqa facaasuun miseensota dammaqinsi isaanii gaaffii jala jiru hedduu horatan. Akkasittiin qabsaawota kaayyoo ganamaatti cichan moggeessuu, qophxeessuu, olola irratti ooffuu fi dhiheessii irraa kutuutti fuula deeffatan. Qophii isanii kana kan fixattan itti fakkaatee, Guraandhala 2000 keessa, “ajanadaa nagaa” waan jedhamu, kan kaayyoo dhabichaa falleessu fi akeekin isaa kan Wayyaaneetti harka kennachuu ta’e baafatan. Yeroo kanatti miseensonni waraanaa, keessattuu kan Zoonii Kibbaa, miseensonni gumii sabaa fi miseensonni gameeyyiin dubbii kana hubatan “ajandaa” harka kennachuu kana dura dhaabbatan.
Rakkoo kana nagaan hiikuu fi gartuu asmaraatti gale kana gara kaayyoo ganamaatti deebisuuf tattaaffii hedduun erga godhammee qaamaa kaayyoo gane kanaan didamee. Kanaaf, miseensonni gumii saba, waraanaa fi miseensonni gameeyyiin walitti dhufanii qamaa hamma korri sabaa waliigalteen waamammee addadduummaa dhalate kanaaf furmaata soqutti dhaaba keenya ABO geggeessuu utubanii hojiitti bobbahan. Gartuun Asmaraas, yaada isaanii – gaaffiin Oromoo, Itoophiyaa dimookraatoftte keessatti deebii argata kan jedhu – bakkaan gahuuf gargaarsa humnoota alagaatiin itti fufan.
Addaddummaa dhalate kana saba keenya quba qabaachisuu dura gara kaayyoo ganamaatti akka deebi’an tattaaffii hedduu goonee erga dadhabamee booda saba keenyaa quba qabaachisuun dirqama Oromummaa fi kan qabsaawotaa ta’ee nutti mul’ate.
Sababin sagantaa addaa kana akka qophheessinu nu kakaase, addadduummaa kana saba keenyaaf ibsuuf xurreen yeroo dheeraaf yaallee dadhabine Raadiyoo Sagalee Ameerikaa (VOA) ture. Yeroo addaddaatti xalayaa itti katabinee gaafannuullee, gartuu Asmaraaf namni hojetu achi keessa waan jiruf fi gaaffii keenya dura waan dhaabbateef xalayaa keenyaafillee deebii keennuu hanqatani. Gartuu Asmaraaf garuu yeroo hedduu carraa keennaa turan. Ammas osoo abdii hin kutatin xalayaa katabinee gaaffii lammataa dhiheessine. Miseensonni keenyallee, mata-mataan xalayaa barreessanii kun sirrii akka hin taane fi sabin keenya waan jiru akka hubatuuf QC-ABO hireen akka kennamuu yeroo hedduu barreessanii deebii dhorkataman.
Ha ta’u malee, gaaffii fi deebii RSA (VOA) mataa Gartuu Asmaraa wajjiin godhe irratti hundee rakkoo QC-ABO fi Gartuu Asmraa gidduu jiru gaafatame. Deebiin mataa Gartuu-Asmaraan kenname, jaallan kun “seera dhaabichaa cabsanii adaba fidhachuu didanii of moggeessan” kan jedhu ture. Deebiin kun dhugaa irraa waan fagaate ture. Ammas, RSAf (VOAf) xalayaa barreessinee, nullee gara keenyaan waldhabdee kana irratti yaada keenya akka ibsannuu gaafannee carraan nu kenname. Obbo Dhaabaa Wayyeessaa (Namoo Daandii) akka gaaffiif deebii kana geggeessuu yeroo nutti himame itti hin gammadine turree. Tokkoffaa, Obbo Dhaabaan kan yeroo dheerraaf gaaffii keenya dura dhaabbate ta’uu ni beekna turre. Lammaffaa, Obbo Dhaabanaa miseensota ola aanoo Gartuu Asmaraa keessaa tokko ta’uun isaa waan odeeffamaa tureef. Ha ta’u malee, filmaata biraa waan hin qabneef, Gaaffii fi deebii akka inni geggeessu waliif gallee. Qabxilleen irratti haasawamanis (1) akaakuu rakkoo Gartuu Asmraa fi QC-ABO gidduuu (2) rakkoo kanaaf furmaata argamsiisuuf hamma ammaatti waan godhame (3) Ammallee furmaata argamsiisuuf waan godhamuu qabu. Qabxiin maree, kana sadan keessaa ala akka hin baane waliif gallee, J. Galaasaa Dilbo akka nuuf dubbatu Obbo Dhaabaaa beeksisne yeroo wal ballaminee gargar baane.
Ha ta’u malee, Obbo Dhaabaan ergaa keenya dabsuu ni mala jennee waan shakkineef, waanuma halleefuu, nuus gaaffii fi deebii kana waraabuuf murteeffanne.
Gaaffii fi deebiin kun gara walakkaa sa’aa fudhate. Tokkoffaa, Obbo Dhaabaan gaaffilee irratti waliif hin galiin hedduu gaafate. Gara keenyaan waan dhoksinu waan hin qabneef, nuti kana akka rekkinaatti hin laalle. Kanaaf, deebii barbbachisu hunda laatneef. Lammaffaa, Obbo Dhaabaan maqaa ABO jedhamu irratti Gartuu-Asmaraa wajjiin akka wal falmaa jirru osoo beekuu, Gartuu Asmaraan irra deddeebi’ee ABO jechuun, gara keenyaan ammoo irra deddeebi’ee QC (ABO biraa hanbisee) jechuun akka Gartuu Asmaraaf baabsu argisiise. Akkumaa dhagahuuf jirttan, J. Galaasaan waan kana isa sirreessuu yaalanillee, inni beekaa waan gochaa tureef hin fudhanne.
Kanaaf, “dhugaan hin dhokatti malee hin baddu” akkuma jedhamu, gaaffii fi deebii godhame kana guttummaatti waraabinee waan turreef, isin dhaggeeffatootin keenya, murtii mataa keessanii akka laattaniif, deebii J. Galaasaa Dilboo kennan guutummaatti isin dhageessisuuf murteeffanne. Kan RSAn (VOA) qillensa irra oolchellee, akka wal-bira qabddanii dhaggeeffattaniif armaa gadi isniif keenye.
Injifannoon Ummata Oromoof!
RSQBO
Gaaffii fi deebii Jaal Galaasaa guutummaatti
Kan Obbo Dhaabaan saansuura ta'ee dabre
|