|
Akeeka
RSQBO
Kaayyoo
bilisummaa ummata Oromoo milkoomsuuf hojii Addi Bilisummaa Oromoo
(ABO) geggeessu keessa tokko hojii beeksisii ti.
Haala
yeroo ammaa keessa jirru waliin yoo ilaalame, hojiin beeksisii kaayyoo
bilisummaa akka tarkaanfachiisutti hin geggeeffamne kan jedhu komiin
qabsaawota irraa ni dhagahama. Barnooti addaddaa, qormaata irratti
kan hundaa'an, kanneen saba keenya qabsoo hadhaa'aaf qopheessan, yoom
caalaa barbaachisaa akka ta'an shakkisiisaa miti.
Raadiyoon Sagalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (RSQBO) sabboonummaa
Oromoo misoomsuuf, tokkummaa qabsaawotaa jabeessuuf, haala dimokrasii,
mirgaa fi dantaa ummata Oromoo hawaasa barsiisuuf meeshaa qabsoo
bilisummaa ta'ee tajaajila kenna. Odeeffannoo fi barumsa dhugaa
argachuuf mirga hawaasi Oromoo qabu RSQBOn ni kabaja; mirgi kun
akka tiksamu ni falma. Olola dhara tokkummaa qabsaawotaa fi kaayyoo
bilisummaa Oromoo irratti geggeessamu dura dhaabbata; hawaasi akka
hin dogoggorre dhugaa qoratee dhiheessa.
RSQBO
akeeka armaan olitti tuxxuqaman bakkaan gahuuf jalqabame.
Hawaasa
barsiisuuf qabxii RSQBOn irratti xiyyeeffatu:
Hawaasummaa fi dinagdee ilaalchisee mirga ummataa fi dantaa ilmaan
Oromoo hubachiisuuf waa'een aadaa, fayyaa, nageenya, qabeenya …
wkf qoratamee dhihaata.
Polotikaa ilaalchisee waa'ee mirga hiree murteeffannoo, sirna dimokrasii
fi taliiga qabsoo beekumsa gahaa horachiisuuf qoratamee dhihaata.
Qabsoo bilisummaa Oromoo irratti olola bifa addaddaan oofamu dura
dhaabbatee akka sirreeffamu taasisuuf qooda isaa gumaacha. Oromooti
mirgaa fi dantaa ummata ofii dagatanii meeshaa dantaa alagaa akka
ta'an hawwachuuf ololli haxxummaa dhaan farreen Oromoo oofan hawaasa
akka hin dogoggorsine doomsuuf hojjeta. Olola dhara to'atee dura
dhaabbachuuf madaalli RSQBO kaayyoo bilisummaa Oromoo ti.
Sagantaan
raadiyoo kun gargaarsa, yaadaa fi qabeenyaa hawaasa Oromoo irraa
argamuun akeeka ofii dhugoomsuu danda'a. Sagantaan qophaawu quubsaa
akka ta'u jalqabaa hanga dhumaatti tumsi hawaasaa, keessaayyuu tumsi
ogeeyyii fi qabsaawota Oromoo murteessaa dha.
Akaakuun
tajaajila sagantaa kanaa boonsaa fi bu'a qabeessa akka ta'u, yeroo
irraa yerootti akka gabbatuu fi akka misoomu taasisuuf waliif ha
birmannu.
Injifannoo
Ummata Oromoof!
Qaama
Cehumsaa ABO
|